BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
KALLATTIIN, Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz irratti Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhatu dhaadannaan gatiin boba'aa gadi bu'e
Waraana US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiraniin walqabatee gatiin boba'aa addunyaa erga bara 2022 as akkaan dabaleera. Baarmeeliin tokko hanga doolaara 120 ga'eera. Kanaaf sababi ijoon tarkaanfii Iraan Ulaa Hormuz irratti fudhattedha. Garuu erga Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz ilaalchisee Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhatu dhaadatee gatiin boba'aa deebi'ee bu'eera.
Isin hin darbiin
Meeshaaleen waraanaa US ittiin dhaadattuu fi Iraan ittiin haleelaa jirtu kan akkamiiti?
BBC Sinhala sa'aatiiwwan jalqabaa 48 haleellaan Iraanirratti raawwatamaa turetti meeshaalee US waraanaa gosoota kamii fi gulantaa lolaa sadarkaa kamitti Iraan haleelaa akka turte qorate.
Manni Murtii Arsii Lixaa himatamaa haadhasaa 'haala suukkanneessaan ajjeeserratti murtee laate
Godina Arsii Lixaatti jiraataa Aanaa Nageellee Arsii ganda Maraaroo Hawwiloo kan ta'e himatamaa Amaanaa Nabii Daaluu, ALI Mudde 16, 2018 ture harmeessaa haala suukkanneessaan kan ajjeese.
'Waraanichi xumuramuu kan murteessu nuyi malee Ameerikaa miti'- deebii Iraan Ameerikaaf deebifte
'Waraanaa kana xumuruun harka keenya keessa jira' jechuun Iraan Ameerikaaf deebii deebifte
Misaa'elaafi diroonii Iraan itti dhukaafte Turkii, Kataar fi UAE'n qolatan
Iraan hogganaa haaraa jalatti misaa'elaa dhukaasuu itti fufteetti. Turkii, Kataar fi UAE'n misaa'elaafi diroonii waraanaa itti dhukaafame qolachuu beeksisaniiru.
Hogganaa Olaanaa Iraan: Waraana, aangoofi qabsoo itti aanu
Filannoon higganaan olaanaa haaraa Iraan - ilma Ayaatolaa Ali Kaamenii - waan ture itti fufuu isaa ibsuuf kan akeekamedha.
Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise
Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.
Intalli Kiim umriinshee 13 bulchituu Kooriyaa Kaabaa ta'uufii?
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kora paartii irratti Kooriyaa Kibbaa doorsissera. Qoqqobbi jala kan jiraniin sagantaa misooma niwukilariis babal'isuuf daadhateera Kiim.
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan Irratti banan kun hanga yoomiitti turuu danda'a?
Haleellaa US fi Israa'el Iraanirratti banan hordofee Baha Jiddu-galeessaa keessatti walitti bu'iinsi babal'ateera.
Cooma tiruu lubbuu baayyee galaafataa jiru akkamitti ofirraa ittisna?
Dhibeen cooma tiruu ykn fatty liver jedhamu dhibee mallattoo yeroo dheeraaf otoo hin agarsiisiin lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko.
Gaggeessaan Olaanaa haaraa Iraan, Mojtaabaa Kameenii, eenyu?
Mojtaabaan abbaa isaa bakka bu'uudhaaf adda duree ta'uu isaa Roohitars maddeen Iraan lama eeruun gabaaseera. Kana mirkaneessuuf garuu rakkisaadha.
Koornaa dabalatee kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu akkamiin akka Piriimer Liigii jijjiiraa jiru
Arsenaal kubbaa bakka dhaabbatee dhiituun goolii 14 lakkoofsisuun dursaa jira. Kun ammoo Piriimer Liigii keessatti yeroo kamirrayyu caalaa isa olaanaadha. Gama kaaniin Maanchester Siitiin kubbaa bakka dhaabatee dhiitamurraa goolii tokko qofa lakkoofsisuun bara kana Piriimer Liigii keessatti isa dhumaadha.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Israa'el akkuma kakatte hogganaa haaraa Iraan ni galaafattii?
Ilmi abbaa isaa duubaan waggoota kurnaniif hojjechaa ture ejjennoo abbaasaa tarkaanfachiisuuf aangoo abbaasaa qabate.
Viidiyoo, Kaffaltiin dhiirotaafi dubartootaa maaliif wal caala?
Dubartoonniifi dhiironni hojii wal fakkaataa osoo hojjetanii maaliif kaffaltiin isaanii gargar ta'e?
Viidiyoo, Mootummaan Itoophiyaa , TPLF fi Ertiraan yoo lola seenan maaltu mudata?
MM Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.
Viidiyoo, Hoogganaa olaanaan waggaa 38'f Iraan bulchan Ayaatollaa Alii Kaameenii eenyu?
Hoogganaan Olaanaan Iraan, kan akka mallattoo biyyattiitti ilaalaman, haleellaa US fi Israa’eliin, ajjeefaman.
Viidiyoo, Xiyyaaronni Ameerikaa Kuweetitti kufuufi babal'achuu waraana US - Israa'el fi Iraan
Biyyoonni Galoo Galaanaa michoota US ta'an daafoo haleellaa Iraaniin goolamaa jiru.
Viidiyoo, 'Qabsoo Oromooti malee ani hoolaa hatee biyyaa hin baane' - Daawwitee
Artist Daawwitee Mekonnin miidiyaarraa badeera. Eega biyyaa bahees biyyatti hin deebine. Maalitti jira?
Viidiyoo, 'Utuun waggaa 7 ‘Medisinii’ barachuuf eeguu hidhaa waggaa 7 natti muran'
Dr. Jiinenus baadiyyaa Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ba'ee amma saayintistii addunyaan akkaan barbaaddu ta'eera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
'Miseensonni WBO dubartoota gabroomfataa, gareenis gudeedaniiru' - Amnastii Intarnaashinaal
Dhaabbanii idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal, miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dubartootafi ijoollee dubaraarratti "garbummaa saalaa", akkasumas "gudeeddii garee" dabalatee miidhaawwan saalaa garagaraa raawwataniiru jedhe.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
WBO'n gabaasa Aministii 'qorannoo kufaa, agarsiistuu loogiiti' jechuun fudhatama dhabsiise
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n gabaasa qorannoo Aministii Internaashinaal "dubartootaafi shamarran 'garbummaa saalaan qabachuu', miidhaawwan saalaa garagaraa irratti raawwataniiru jechuun isa himate, 'qorannoo kufaafi agarsiistuu loogii ta'uu isaa himuun, miidhaa jiruuf fala fiduu caalaa rakkoo jiru daran hammeessa' jechuun fudhatama dhabsiise.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraana Baha Giddugalaatti adeemaa jiruun hangam miidhame?
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraanni US - Israa'el fi Iraan gidduu adeemaa jiru ''baay'ee baay'ee nu hubaa jira'' jechuun BBC'tti dubbate.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
MM Abiy waa'ee haleellaa Iraan Kuweetiifi Kataaritti raawwate maal jedhan?
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruurratti dureewwan Kuweet fi Kataar waliin mari'achuun gabaafame.
Sudaan dirooniin Itoophiyaatii ka'e daangaashee seenuu himatte
Sudaan dirooniiwwan Itoophiyaarraa ka'an daangaa ishee seenaa haleellaa raawwataa jiru jechuun ifatti himatte.
Hidhattoonni Arsiitti namoota 30 ol akkamiin haala 'suukaneessaan' ajjeesan?
Naannoo Oromiyaa Godina Arsii aanaalee lama keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin guyyoota muraasa keessa qofa namoonni 30 ol ajjeefamuu jiraattonniifi dureewwan bataskaanaa BBC'tti himan.
Ergamni US-Israa'el Ali Kaamenii ajjeesuu ji'ootaaf karoorfamaa ture akkamiin milkaa'e?
Haleellaan Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameenii ajjeese akka eegametti halkan qixxee osoo hin taane ganama keessa raawwate. Kunis, sababa qaba.
MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?
Azarbaajaan biyya boba'aan badhaate yoo taatu booda kana biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsataa jirti.
Agarsiisa waraana Itoophiyaa tibbanaa Ertiraan 'dubbii barbaacha' jette
Agarsiisa waraannni Itoophiyaa dhihoo magaalaa Hawaasaatti mul'ise Ertiraan ''dubbii barbaacha'' jechuun qeeqxe.
Ispoortii
Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman
Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa har'aa hanga Jimaatatti gaggeeffame. Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota imala waancaa murteessan keessaa ijoodha.
Shaampiyoons Liigii kilaboonni Ingiliiz dhuunfataniifi Riyaal Maadiriid mo'achuu isaa 'olaantummaa jibba sanyiiraatti' argate fakkeesse
Taphni dhumaa kaleessa kan gaggeeffame yoo ta'u, kilaboonni saddeet taphatanii afur darbuu yoo mirkaneeffatan, arfansaanii mo'amanii galaniiru.
Morkii Barnaboo gaaddidduu himannaa jibba sanyummaa jalatti Moriinoo malee gaggeeffamu
Taphataan Arjentiinaa fi Benfikaa Giyaanluukaa Piristiyaanii erga jifataa Riyaal Maadiriid jibba sanyummaan himatee booda tapha marroo lammataa irratti akka hin hirmaanne murtaa'eera.
Viktor Giyookeresh osoo qeeqamuu Arsenaaliin dhiphina keessaa baase
Arsenaal Kaaba Landanitti muddama ofirraa hir'iseera. Darbii Kaaba Landaniin Tootanhaamiin goolii 4 fi 1n injifatee morkii waancaa Piriimer Liigii cimsateera.
Piriimer Liigii: Arsenaal garee dirree Tootenhaam deemee 4 fi 1'n mo'ate
Morkiin Piriimer Liigii taphoonni 10 hanga 11 yeroo hafaa jirutti waancaan argachuu, 1-4 keessa galuun carraa hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffachuufi Piriimer Liigii keessaa kufuurraa ooluuf taasifamu akkaan qalbii rarraasuun itti fufeera.
Siitiin Arsenaal irratti dhiibbaa yoo cimsu Arteettaan 'kan dhiibbaa hin dandamanne gara kilaba biraa' jedhe
Maanchistar Siitiin Itihaad irratti Niwukasiliin 2 fi 1n injifachuun morkii waancaa cimsateera. Kun dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaal irratti dhiibbaa cimseera.
Arteettaan 'bakka ta'uu feene jirra' yoo jedhu Peep ammoo taphni 12 baayyeedha jedhe
Taphoota torbee 27ffaa dursee Mikeel Arteettaa fi Peep Gaardiyoolaa waayee waancaa Piriimiyeer Ligii injifachuu yaada kennaniiru.
Tilmaama Piriimer Liigii: Tootenhaam v Arsenaal, Maan Siitii v Niwukasil eenyu mo'a?
Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban 27ffaan Darbii Landan kaabaan Tootenhaam Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal simatee keessummeessa. Sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin ammoo Niiwukasil simatee keessummeessa.
Arsenaal yeroosaa eegee 'sigigaachuu' jalqabe - haala kanaan dharraa waancaa waggaa 22 ba'uu danda'aa?
Arsenaal kilaba Piriimer Liigii keessaa dhumarra jiru Wolvis goolii 2 fi 0 dhaan osoo dursuu taphichi goolii 2 fi 2n xumurameera. Ga'umsi akkanaa dhuguma xiinsammuu kilaba waancaaf onnatee ta'uun gaaffii namatti ta'a.
Zubimeendiin dhuguma taphataa cimaa Arsenaalii?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa dhiyeenya kana "taphataa cimaan" Arsenaal dhiyeenya kan bitame jechuun dubbatee ture. Ganna darbe kan bitame Maartiin Zubimeendii jechuusaati.
Namichi jaalalleesaa tulluu irratti dhiisee 'du'aaf saaxile' himatame
Waggaa tokko ture dubartiin ganna 33 tulluu Ostiriyaa isa guddaa irratti cabbooftee kan duute, jaalalleenshee tulluu irratti ishee dhiisuufi du'asheef sababa tahuun himatameera.
Diraamaa Benfikaa fi Maadiriid: Taatee 'jibbisiisaa' Viniishiyes mudate booda 'dogoggora guddaa' Moriinoo
Tirent Aleksaandar-Arnold jibbiinsi sanyummaa Viniishiyes Juuniyer irratti raawwatame jedhame ''kabaja kubbaa miillaa kan gadi buusu,'' jedhe, leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo ammoo taatee kanarratti yaada kenneen guddoo qeeqame.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.


